26
Akkuma cabbii yeroo bonaa yookaan bokkaa yeroo haamaa,
nama gowwaaf ulfinni hin malu.
Akkuma simbirri barriftu yookaan daaloteen barriftu
abaarsi sababii malee dhufu nama irra hin buʼu.
Alangaan fardaaf, luugamni harreef,
uleen immoo dugda gowwaatiif mala!
Gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti hin deebisin;
yoo akkas goote ati mataan kee iyyuu akkuma isaa taata.
Gowwaadhaaf deebii gowwummaa isaatiif malu kenni;
yoo kanaa achii inni ogeessa of seʼaa.
Harka nama gowwaatti ergaa ergachuun,
akkuma miilla ofii irraa muruu yookaan summii dhuguu ti.
Afaan nama gowwaa keessatti,
fakkeenyi akkuma miilla naafaa ti.
Namni gowwaadhaaf ulfina kennu,
akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti.
Fakkeenyi afaan gowwaa keessatti
akkuma qoraattii harka nama machaaʼee keessaa ti.
10 Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu
akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti.
11 Akkuma sareen diddiga isheetti deebitu sana,
gowwaan gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.
12 Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa?
Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
 
13 Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira;
leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha.
14 Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu,
dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala
15 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;
gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa.
16 Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan
deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa.
 
17 Namni lola nama biraa keessa seenu,
akkuma nama harkaan gurra saree qabuu ti.
 
18 Akkuma maraatuu ibidda yookaan xiyya
namatti gad dhiisu tokkoo
19 namni, “Ani nan qoose!” jedhee
ollaa isaa gowwoomsus akkasuma.
 
20 Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama;
hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa.
21 Akkuma cileen barbadaa ibiddaa bobeessee
qoraan ibidda qabsiisu sana
namni lola jaallatu lola kakaasa.
22 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;
gara kutaa garaattis gad buʼa.
 
23 Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu
akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti.
24 Namni maqaa namaa balleessu tokko
arrabuma ofiitiin nama tolaa of fakkeessa;
garaa isaa keessatti immoo gowwoomsaa guduunfata.
25 Yoo dubbiin isaa sitti miʼaawe iyyuu isa hin amanin;
wanni jibbisiisaan torba garaa isaa guuteeraatii.
26 Jalʼinni isaa sobaan haguugamee dhokfamuu dandaʼa;
hamminni isaa garuu fuula waldaa duratti ifatti baʼa.
27 Namni boolla qotu boolla keessa buʼa;
nama dhagaa gangalchus,
dhagaan sun isumatti deebiʼa.
28 Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba;
afaan saadu tokkos badiisa fida.