29
Namni ifannaa baayʼee booddee
mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.
 
Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha;
yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.
 
Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa;
miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.
 
Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa;
kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.
 
Namni ollaa isaa jaju,
miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.
 
Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama;
qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.
 
Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata;
namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.
 
Qoostonni magaalaa jeequ;
ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.
 
Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe,
gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.
 
10 Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu;
nama tolaas ajjeesuu barbaadu.
 
11 Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna;
ogeessi garuu of qaba.
 
12 Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate,
qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.
 
13 Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu:
Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.
 
14 Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan
hiyyeeyyiif murtii kenne,
teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.
 
15 Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti
gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
 
16 Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata;
qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.
 
17 Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna;
lubbuu kees ni gammachiisa.
 
18 Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa;
namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.
 
19 Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu;
inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.
 
20 Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee?
Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
 
21 Nama garbicha ofii isaa
ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu,
galgalli isaa rakkina.
 
22 Namni aaru lola kakaasa;
kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.
 
23 Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa;
namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
 
24 Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba;
inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.
 
25 Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa;
kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
 
26 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;
murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.
 
27 Qajeelaan sobduu xireeffata;
hamaan immoo nama tolaa jibba.