28
Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata;
qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
 
Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira;
bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa.
 
Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko
akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti.
 
Warri seera didan hamoota jaju;
warri seera eegan garuu isaaniin mormu.
 
Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan;
warri Waaqayyoon barbaadan immoo
guutumaan guutuutti hubatu.
 
Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa
hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
 
Namni seera eegu ilma ogeessa;
michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
 
Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu,
nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba.
 
Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu,
kadhannaan isaa balfamaa dha.
 
10 Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu
kiyyoo ofii isaa keessa seena;
namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata.
 
11 Namni sooressi ogeessa of seʼa;
hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa.
 
12 Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa;
yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu
namoonni ni dhokatu.
 
13 Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;
kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
 
14 Namni yeroo hunda Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha;
kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
 
15 Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu,
akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti.
 
16 Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu;
kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
 
17 Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru,
boollatti baqata;
namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
 
18 Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata;
kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
 
19 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;
kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu
hiyyumaan guutama.
 
20 Namni amanamaan eebba quufa;
kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu.
 
21 Nama wal caalchisuun gaarii miti;
namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta.
 
22 Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara;
inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
 
23 Namni nama ifatu dhuma irratti
nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata.
 
24 Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee,
“Kun balleessaa miti” jedhu
garee nama waa balleessuu ti.
 
25 Namni wayitti gaggabu lola kakaasa;
kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
 
26 Namni of amanatu gowwaa dha;
kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.
 
27 Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu;
kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
 
28 Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti
namoonni ni dhokatu;
yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu.