Jecha Limuuʼel Mootichaa
31
Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte:
“Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko,
maali yaa ilma wareega ko,
humna kee dubartoota irratti,
jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
 
“Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu;
daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu;
dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii
warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa,
warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan;
rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
 
“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef,
mirga warra gatamaniitiifis falmi.
Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni;
mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
Xumura: Niitii Amala Gaarii Qabdu
10 Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?
Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
11 Dhirsi ishee guddisee ishee amanata;
inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
12 Isheen bara jireenya ishee guutuu
waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
13 Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee
harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
14 Isheen akkuma doonii daldalaatti
lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
15 Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee
maatii isheetiif nyaata kenniti;
xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
16 Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti;
waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
17 Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee
hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
18 Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti;
ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
19 Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira;
quba isheetiin immoo calii qabatti.
20 Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti;
dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
21 Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu;
isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
22 Isheen wayyaa siree dhaʼatti;
uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa
hojjetames uffatti.
23 Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura,
jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
24 Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti;
daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
25 Isheen jabinaa fi ulfina uffatti;
bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
26 Afaan ishee ogummaadhaan banatti;
gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
27 Isheen mana ishee toʼatti;
isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
28 Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun;
dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
29 “Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu;
ati garuu isaan hunda caalta.”
30 Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;
dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
31 Buʼaa harka ishee kennaafii;
hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.