4
Ogummaan Waan Hunda Caalti
Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;
qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.
Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;
kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.
Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,
yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,
inni akkana jedhee na barsiise;
“Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;
seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.
Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;
dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.
Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;
ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.
Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.
Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.
Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;
isa hammadhu; innis si kabajaatii.
Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi;
gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”
 
10 Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu;
barri jireenya keetiis ni baayʼataa.
11 Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha;
daandii qajeelaa irras sin buusa.
12 Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu;
yoo fiigdu illee ati hin gufattu.
13 Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;
waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.
14 Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin
yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.
15 Irraa fagaadhu; irras hin deemin;
irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.
16 Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii;
isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.
17 Isaan buddeena hamminaa nyaatu;
daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.
 
18 Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa
kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.
19 Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti;
isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.
 
20 Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu;
dubbii kootiifis gurra kenni.
21 Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin;
garaa kee keessa ol kaaʼadhu;
22 inni warra isa argatuuf jireenya,
dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.
23 Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
24 Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;
haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.
25 Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;
atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.
26 Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;
karaan kee hundinuu haa jabaatu.
27 Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;
miilla kee hammina irraa eeggadhu.