3
Eebba Ogummaa
Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;
ajaja koos garaatti qabadhu;
isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa,
nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
 
Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin;
morma keetti hidhadhu;
gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi
fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
 
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu;
hubannaa kees hin abdatin;
karaa kee hunda keessatti isa dursi;
innis daandii kee siif qajeelcha.
 
Ani ogeessa ofiin hin jedhin;
Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna;
lafee kee illee ni haaromsa.
 
Qabeenya keetiin,
mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
10 yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama;
iddoon cuunfaa wayinii keetiis
daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.
 
11 Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin;
dheekkamsa isaas hin jibbin.
12  Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti
warra jaallatu ni adabaatii.
 
13 Namni ogummaa argatu
kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
14 ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii;
warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
15 Gatiin ishee gatii lula diimaa caala;
wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
16 Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira;
badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
17 Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha;
daandiin ishee hundis nagaa dha.
18 Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti;
warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
 
19  Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse;
hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
20 beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman;
duumessoonnis fixeensa coccobsan.
 
21 Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu;
isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
22 isaan jireenya siif taʼu;
morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
23 Yoos ati karaa kee nagumaan deemta;
miilli kees hin gufatu;
24 ati yoo raftu hin sodaattu;
hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
25 Balaa akkuma tasaa sitti dhufu
yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
26  Waaqayyo irkoo siif taʼaatii;
akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
 
27 Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti,
warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
28 Utuu amma waa qabduu,
ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu;
ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
29 Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee
waan hamaa itti hin yaadin.
30 Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin
akkasumaan hin miidhin.
 
31 Nama dabaatti hin hinaafin;
yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
 
32  Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii;
nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
33 Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa;
inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
34 Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
35 Ogeeyyiin ulfina dhaalu;
gowwoota garuu inni ni qaanessa.