6
Akeekkachiisa Waaʼee Gowwummaa Irratti Kenname
Yaa ilma ko, ati yoo ollaa keetiif wabii taatee
harka dhooftee nama ormaatiif kakatte,
yoo waanuma dubbatteen qabamtee
dubbuma afaan keetiitiin kiyyoo seente,
yoos yaa ilma ko,
ati sababii harka ollaa keetii seentee jirtuuf
ati of baasuudhaaf
dafii dhaqiitii gad of qabii
jabeessiitii ollaa kee kadhadhu!
Ija keetiif hirriba,
baallee ija keetiitiif immoo mugaatii hin eeyyamin.
Ati akkuma kuruphee harka adamsituutii baatuutti,
akkuma simbirroo kiyyoo nama ishee qabuu jalaa baatuutti of oolchi.
 
Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi;
karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!
Inni ajajaa hin qabu;
toʼataa yookaan bulchaa hin qabu;
taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata;
yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata.
 
Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta?
Ati yoomi hirriba keetii kaata?
10 Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa,
xinnoo harka walitti marachuu,
11 hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa;
deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
 
12 Namni rakkisaan, namni hamaan,
dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa;
13 inni ijaan dhaʼa;
miilla isaatiinis mallattoo kenna;
quba isaatiin argisiisa;
14 inni garaa isaa isa sobaadhaan hammina yaada;
yeroo hundas lola kakaasa.
15 Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa;
inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu.
 
16  Waaqayyo waan jaʼa jibba;
waan torba immoo ni xireeffata; isaanis:
17 Ija of tuulu,
arraba sobu,
harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
18 garaa mala hamaa malu,
miilla gara jalʼinaatti ariifatu,
19 dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu,
nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.
Akeekkachiisa Waaʼee Ejjaa Irratti Kenname
20 Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
21 Bara baraan garaa keetti qabadhu;
morma keettis hidhadhu.
22 Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu;
yeroo ati raftu si eegu;
yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.
23 Ajajni kun ibsaadhaatii;
barsiisni kunis ifa;
sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
24 isaan dubartii hamtuu irraa,
niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu.
 
25 Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin;
yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin.
 
26 Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii;
ejjituunis jireenyuma kee adamsiti.
27 Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee
wayyaan isaa hin gubanne jiraa?
28 Namni ibidda cilee irra ejjetee
miilli isaa hin gubanne jiraa?
29 Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa;
namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.
 
30 Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate,
namoonni hin tuffatan.
31 Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa;
miʼa mana isaa hundas ni kenna.
32 Namni sagaagalu qalbii hin qabu;
namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
33 Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha;
qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.
 
34 Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii;
inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
35 Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu;
hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.