7
Sagaagaltuu Irraa Of Eeggachuu
Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii
ajaja koos of keessatti kuufadhu.
Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii;
barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
Quba keetti isaan hidhadhu;
gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi;
hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin
nama harkiftu irraa si eegu.
 
Ani foddaa mana koo biraa keessaan,
karaa qaawwaatiin ala ilaale.
Ani warra homaa hin dandeenye keessatti,
dargaggoota keessatti hubadhee
dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee
daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti,
yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
 
10 Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee
yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
11 Isheen iyyituu fi kashlabbee dha;
miilli ishee mana hin dhaabatu;
12 takka daandii irratti, takka oobdii irratti,
golee hundatti riphxee nama eeggatti.
13 Isheen qabdee isa dhungatti;
fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
 
14 “Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba;
harʼa wareega koo guuttadheera.
15 Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe;
ani barbaadee si argadheera!
16 Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen,
siree koo afee miidhagseera.
17 Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan
siree koo urgeesseera.
18 Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa;
kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
19 Dhirsi koo mana hin jiru;
inni karaa dheeraa deemeera.
20 Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme;
hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
 
21 Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte;
haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
22 Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti,
akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis
yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
23 akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti,
inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti
akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
 
24 Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa;
waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
25 Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin;
karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
26 Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha;
namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
27 Manni ishee karaa qileetti nama geessu,
kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha.