8
Waamicha Ogummaa
Ogummaan hin iyyuu?
Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu?
Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra,
iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti;
karra magaalaatti nama galchu bira,
balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti:
“Yaa namoota, ani iyyeen isin waama;
ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha.
Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa;
isin warri gowwaan hubannaa argadhaa.
Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa;
waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha.
Afaan koo dhugaa dubbata;
arrabni koo hammina jibbaatii.
Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha;
dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti.
Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha;
warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu.
10 Qooda meetii gorsa koo,
warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu;
11 ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii;
wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.
 
12 “Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha;
ani beekumsaa fi hubannaa qaba.
13  Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha;
hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu,
amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
14 Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti;
ani hubannaa fi humna qaba.
15 Mootonni anaan moʼu;
bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu.
16 Ilmaan moototaa anaan bulchu;
namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
17 Ani warra na jaallatan nan jaalladha;
warri na barbaadanis na argatu.
18 Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi
badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru.
19 Iji koo warqee qulqulluu caala;
buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.
20 Ani karaa qajeelummaa irra,
daandii qajeelaa irras nan deema;
21 warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa;
mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta.
 
22 Waaqayyo waan bara durii hojjeteen dura,
hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate;
23 ani utuu addunyaan hin uumamin dura,
jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame.
24 Ani utuu tuujubni hin jiraatin,
utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe;
25 utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura,
ani gaarraniin dura nan dhaladhe;
26 utuu inni lafa yookaan dirree ishee
yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu
hin uumin dura nan dhaladhe.
27 Yeroo inni samiiwwan hundeessetti,
yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture;
28 yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee
madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture;
29 yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee,
galaanaaf daangaa dhaabetti,
yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture.
30 Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture.
Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa,
guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture;
31 ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa,
ilmaan namaatti illee gammadaan ture.
 
32 “Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa;
warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.
33 Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa;
isa hin tuffatinaa.
34 Namni na dhagaʼu,
kan guyyaa hunda balbala koo eegu,
kan karra koo dura turu eebbifamaa dha.
35 Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata;
Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
36 Namni na hin arganne garuu ofuma miidha;
namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.”