Murtii Qajeelaa Argachuuf Waaqa Kadhachuu
Faarfannaa 10
Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta?
Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?
 
Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa;
inni maluma malatuun haa qabamu.
Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa;
Waaqayyoon immoo ni arrabsa.
Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu;
yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru.
Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula;
seerri kees isa irraa fagoo dha;
diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.
Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru;
rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha.
 
Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera;
dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.
Inni gandoota keessatti riphee eeggata;
iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa.
Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.
Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata.
Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata;
hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.
10 Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas;
humna nama hamaa jalattis ni kufa.
11 Innis, “Waaqa irraanfateera;
fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha.
 
12 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu.
Rakkataas hin dagatin.
13 Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa?
Maaliifis garaa isaatti,
“Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha?
14 Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita;
harka keetiinis gatii baasifta.
Deegaan dabarsee sitti of kenna;
ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.
15 Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi;
hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti,
hammina isaatti isa gaafadhu.
 
16  Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha;
ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.
17 Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa;
isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;
18 kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef
ati ijoollee abbaa hin qabnee fi
cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.