Murtii Waaqayyoo
Faarfannaa 9
Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.
Ani sittin gammada; nan ililchas;
yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.
 
Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu;
ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.
Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta;
atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.
Saboota ifattee hamootas balleessiteerta;
maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.
Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu;
ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta;
seenaan isaaniis barbadeeffameera.
 
Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa;
teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.
Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna;
sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.
Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
10 Warri maqaa kee beekan si amanatu;
yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
 
11  Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa;
hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.
12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii;
iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.
 
13 Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali!
Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;
14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti
akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis
baayʼisee gammaduuf.
 
15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan;
miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.
16  Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama;
hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.
17 Namoonni hamoon,
warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu.
18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman;
abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.
 
19 Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin;
fuula kee duratti sabootatti haa muramu.
20 Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi;
saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.