Ulfina Uumamaa
Faarfannaa 104
Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.
 
Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha;
miidhaginaa fi surraa uffatteerta.
 
Ati akkuma wayyaa ifa uffatta;
samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita.
Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta.
Duumessoota gaarii isaa godhata;
qoochoo bubbee yaabbattee deema.
Inni ergamoota isaa hafuurota,
tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha.
 
Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera;
isheenis gonkumaa hin sochootu.
Ati akkuma wayyaatti tuujubaan ishee haguugde;
bishaanonnis tulluuwwanii ol dhaabatan.
Ati ifannaan bishaanonni baqatan;
sagalee qaqawwee keetii dhageenyaan gugatan.
Isaan tulluuwwan irraan dhangalaʼan;
gara iddoo ati isaanii qopheessitee,
gara sululootaatti gad yaaʼan.
Akka isaan deebiʼanii lafa hin haguugneef
ati daarii isaan darbuu hin dandeenye isaan dura dhaabde.
 
10 Akka burqaawwan sululoota keessa yaaʼan goota;
isaanis tulluuwwan gidduu yaaʼu.
11 Isaan bineensota bakkee hundaaf bishaan kennu;
harroonni diidaas dheebuu baʼu.
12 Simbirroonni samii bishaanota biratti mandhee ijaarratan;
dameewwan gidduutti ni faarfatan.
13 Inni mana isaa kan olii irraa tulluuwwan bishaan obaafta;
laftis ija hojii keetiitiin quufti.
14 Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga,
faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha;
15 akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu,
akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fi
akka midhaan nama jajjabeessu ni goota.
16 Mukkeen Waaqayyoo,
birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru.
17 Simbirroonni achitti mandhee isaanii ijaarratu;
huummoonis birbirsa irraa mana qabdi.
18 Tulluuwwan dhedheeroon daʼoo reʼee diidaa ti;
holqi kattaawwanii immoo daʼoo osolee ti.
 
19 Inni akka jiʼi waqtiilee gargar qoodu godha;
biiftuunis yeroo itti lixxu ni beekti.
20 Ati dukkana uumta; halkanis ni taʼa;
bineensonni bosonaa hundis gad yaaʼu.
21 Leenci saafelli waan nyaatu barbaadee aada;
nyaata isaas Waaqa bira barbaada.
22 Isaan yommuu biiftuun baatutti walitti qabamu;
dachaʼaniis goda isaanii keessa ciciisu.
23 Namni gara hojii isaatti,
hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa.
 
24 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam baayʼee dha!
Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette;
laftis uumamawwan keetiin guutamte.
25 Galaanni guddaa fi balʼaan kun,
uumamawwan hamma hin qabneen guutame;
kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fi
xixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira.
26 Dooniiwwan as irra deddeebiʼu;
lewaataan kan akka inni achi keessa
taphatuuf ati uumtes achi jira.
 
27 Akka ati nyaata isaanii yeroo barbaachisuutti isaaniif kennituuf,
isaan hundi si eeggatu.
28 Yeroo ati isaaniif kennitutti,
isaan walitti qabatu;
yeroo ati harka kee balʼiftutti,
isaan waan gaarii quufu.
29 Yeroo ati fuula kee dhokfattutti,
isaan ni naʼu;
yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti,
isaan duʼanii biyyootti deebiʼu.
30 Yeroo ati Hafuura kee ergitutti isaan ni uumamu;
atis fuula lafaa ni haaromsita.
 
31 Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu;
Waaqayyo hojii isaatti haa gammadu;
32 inni ilaallaan lafti hollatte;
inni tuqnaan tulluuwwan keessaa aarrii baʼe.
 
33 Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha;
hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan
Waaqa koo nan galateeffadha.
34 Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu;
ani Waaqayyotti nan gammadaatii.
35 Cubbamoonni lafa irraa haa badan;
hamoonnis siʼachi hin jiraatin.
 
Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi.
 
Haalleluuyaa.