Seenaa Israaʼel Isa Dinqisiisaa
Faarfannaa 105
105:1‑15 kwf – 1Sn 16:8‑22
Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;
garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
 
Dinqii inni hojjete,
hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan,
isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
Inni Waaqayyo Waaqa keenya;
murtiin isaas lafa hunda irra jira.
 
Inni kakuu isaa bara baraan,
waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
inni kakuu Abrahaam wajjin gale,
kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
10 Kanas Yaaqoobiif seera,
Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee
akkana jedhee mirkaneesseera:
11 “Ani biyya Kanaʼaan
qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
 
12 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,
dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis
keessummoota turanitti,
13 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara
mootummaa biraatti jooran.
14 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;
sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
15 “Dibamtoota koo hin tuqinaa;
raajota koos hin miidhinaa.”
 
16 Inni beela biyyattiitti waame;
midhaan nyaataa hundas ni balleesse;
17 innis Yoosef namicha akka garbaatti
gurgurame tokko isaan dura erge.
18 Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan;
mormi isaas sibiila keessa galfame;
19 hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti
dubbiin Waaqayyoo isa qore.
20 Mootiin nama ergee gad isa dhiisise;
bulchaan sabaa isa hiiksise.
21 Mootichis mana isaa irratti ajajaa,
qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;
22 kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf,
akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.
 
23 Israaʼel biyya Gibxi dhaqe;
Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.
24  Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise;
akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;
25 innis akka isaan saba isaa jibbanii fi
akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.
26 Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi
Aroon filatamaa isaa erge.
27 Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa,
biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.
28 Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse;
isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
29 Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree
akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.
30 Fatteen biyya isaanii guutee
diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.
31 Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi
bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.
32 Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse;
bakakkaas biyya isaaniitti erge;
33 wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse;
mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.
34 Inni dubbannaan hawwaannisnii fi
korophisni hedduun dhufan;
35 isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan;
waan lafti isaanii baases ni fixan.
36 Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda,
jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.
 
37 Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe;
gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.
38 Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan;
isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.
39 Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe;
akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
40 Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef;
buddeena samiitiinis isaan quufse.
41 Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe;
akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
 
42 Inni waadaa isaa qulqulluu,
kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.
43 Inni saba isaa gammachuun,
warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;
44 inni biyya ormootaa isaaniif kenne;
isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;
45 kanas akka isaan sirna isaa eeganii
seera isaatiif bulaniif godhe.
 
Haalleluuyaa.