Uummanni Cubbuu Isaa Himate
Faarfannaa 106
106:1,47‑48 kwf – 1Sn 16:34‑36
Haalleluuyaa.
 
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Eenyutu hojii Waaqayyoo jabaa sana labsuu,
yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa?
Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan,
warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.
 
Yaa Waaqayyo, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu;
yommuu isaan oolchituttis na gargaari;
akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf,
akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee
dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu.
 
Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra;
yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti,
dinqii kee hin hubanne;
baayʼina araara keetiis hin yaadanne;
isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan.
Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf,
maqaa isaatiif jedhee isaan oolche.
Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge;
akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse.
10 Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase;
humna diinaa jalaas isaan fure.
11 Bishaanonni diinota isaanii liqimsan;
tokkoon isaanii iyyuu hin hafne.
12 Ergasii isaan dubbii isaa amananii
faarfannaadhaan isa galateeffatan.
 
13 Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan;
gorsa isaas obsaan hin eegganne.
14 Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman;
lafa onaa keessattis Waaqa qoran.
15 Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef;
garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge.
 
16 Isaan qubata keessatti Musee fi
Aroon qulqullicha Waaqayyootti hinaafan.
17 Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite;
garee Abiiraamis gad fudhatte.
18 Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe;
arrabni ibiddaas hamoota fixe.
 
19 Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan;
fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan.
20 Isa Ulfina isaanii taʼe sana,
fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran.
21 Waaqa isaan fayyise,
isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan.
22 Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete,
hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan.
23 Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen
akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef
gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa
Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture.
 
24 Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan;
waadaa Waaqni gales hin amanne.
25 Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman;
Waaqayyoofis hin ajajamne.
26 Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti
isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate;
27 sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu,
biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate.
 
28 Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii
aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan.
29 Hojii isaanii hamaa sanaan
Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan;
dhaʼichis isaan irra buʼe.
30 Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan
dhaʼichi sun dhaabate.
31 Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti,
akka qajeelummaatti isaaf herregame.
 
32 Isaan bishaan Mariibaa biratti akka Waaqayyo aaru godhan.
Museenis sababii isaaniitiif rakkate;
33 sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif
Museen utuu itti hin yaadin dubbate.
 
34 Isaan akka Waaqayyo isaan ajajetti,
saboota hin balleessine;
35 isaan garuu ormootatti makamanii
duudhaa isaanii baratan.
36 Waaqota isaanii tolfamoo,
kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan.
37 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii
aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan.
38 Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee,
dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii,
kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif
aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan;
biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
39 Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan;
hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan.
 
40 Kanaafuu Waaqayyo saba isaatti aare;
handhuuraa isaas ni balfe.
41 Inni dabarsee ormootatti isaan kenne;
amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan.
42 Diinonni isaanii isaan cunqursan;
humna isaanii jalas isaan galfatan.
43 Inni yeroo baayʼee isaan baraare;
isaan garuu ittuma fufanii fincilan;
ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan.
44 Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti,
rakkina isaanii hubate;
45 isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate;
sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef.
46 Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu
garaa isaaniif laafaniif godhe.
 
47 Yaa Waaqayyo, Waaqa keenya nu oolchi;
akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf,
akka galata keetiin of jajnuufis,
ormoota keessaa walitti nu qabi.
 
 
48  Waaqayyo, Waaqa Israaʼeliitiif,
bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu.
 
Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu.
 
Haalleluuyaa!