Waaqayyo Mootiidhaaf Ol aantummaa Kennuu Isaa
Faarfannaa 110
Faarfannaa Daawit.
Waaqayyo, gooftaa kootiin:
 
“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,
karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
 
Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee
bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.
Gaafa ati waraanaaf baatu,
loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu.
Ati gadameessa ganamaa keessaa,
surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.
 
Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti,
ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera.
Inni yaada isaa hin geeddaru.
 
Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira;
inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.
Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa
barbadeessuudhaan sabootatti mura.
Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga;
kanaafuu mataa ol qabata.