Hojii Waaqayyoo Dinqisiifachuu
Faarfannaa 111
Haalleluuyaa.
 
Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti,
garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
 
Hojiin Waaqayyoo guddaa dha;
warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha;
qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera;
Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.
Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna;
kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
 
Lafa saboota kaanii isaaniif
kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.
Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha;
ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.
Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu;
amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
Inni saba isaatiif furii ergeera;
kakuu isaas bara baraan ajajeera;
maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
 
10  Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.
Galanni isaa bara baraan jiraata.