Eebbifamuu Nama Qajeelaa
Faarfannaa 112
Haalleluuyaa.
 
Namni Waaqayyoon sodaatu,
kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
 
Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa;
dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira;
qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
Nama tolaa fi arjaadhaaf,
gara laafessaa fi qajeelaaf,
dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,
nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf
waan gaariitu taʼa.
Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu;
namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
Inni oduu hamaa hin sodaatu;
garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan
jabaatee dhaabata.
Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus;
dhuma irrattis diinota isaa moʼata.
Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne;
qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata;
gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.
 
10 Namni hamaan waan kana argee aara;
ilkaan isaa qara; baqees ni bada;
hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.