Kadhannaa Gargaarsa Barbaachaaf Kadhatame
Faarfannaa 12
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.
Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar;
ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.
Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata;
isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.
 
Waaqayyo afaan nama saadu hunda,
arraba of tuulu hundas haa kukkutu;
isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona;
hidhiin keenyas keenyuma;
eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.
 
Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif,
sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa.
Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.
Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu;
innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee
yeroo torba qulqulleeffamee ti.
 
Yaa Waaqayyo ati nu eegda;
dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti
hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.