Iyyata Nama Waaqa Amanatee
Faarfannaa 13
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa?
Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
Ani hamma yoomiittin rakkina obsee
guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda?
Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
 
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni.
Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha;
amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
 
Ani garuu araara kee nan amanadha;
garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
Ani Waaqayyoof nan faarfadha;
arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.