Farra Nagaa
Faarfannaa 120
Faarfannaa Ol baʼuu.
Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha;
innis deebii naa kenna.
Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi
arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
 
Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama?
Kana caalaas maal godhamta?
Inni xiyya loltootaa kan qarameen,
barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.
 
Ani waanan Meshek keessa taaʼee
dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!
Warra nagaa jibban gidduu,
ani yeroo dheeraa jiraadheera.
Ani nama nagaa barbaadu dha;
isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.