Eegduu Israaʼel
Faarfannaa 121
Faarfannaa Ol baʼuu.
Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;
gargaarsi koo eessaa dhufa?
Gargaarsi koo Waaqayyo
samii fi lafa uume biraa dhufa.
 
Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;
kan si eegu hin mugu;
dhugumaan inni Israaʼelin eegu
hin mugu; hin rafus.
 
Waaqayyo si eega;
Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
guyyaa aduun si hin gubu;
halkanis jiʼi si hin miidhu.
 
Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
Waaqayyo ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.