Faarfannaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii
Faarfannaa 126
Faarfannaa ol baʼuu.
Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,
nu akka warra abjuu abjootanii taane.
Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo
faarfannaa gammachuutiin guutame.
Kana irratti saboota gidduutti,
Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
 
Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe;
nus ni gammanne.
 
Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb,
boojuu keenya nuu deebisi.
Warri imimmaaniin facaasan,
faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,
bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.