Waaqa Amanachuu
Faarfannaa 127
Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon.
Waaqayyo mana ijaaruu baannaan,
warri ijaaran akkasumaan dadhabu.
Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan,
warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.
Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii,
barii barraaqaan kaʼuun keessan,
turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu;
inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu
waan isaan barbaachisu ni kennaaf.
 
Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti;
iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,
akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.
Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.
Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.