Faarfannaa Halkanii
Faarfannaa 134
Faarfannaa ol baʼuu.
Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo,
warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu,
Waaqayyoon galateeffadhaa.
Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii
Waaqayyoon galateeffadhaa.
 
Waaqayyo samii fi lafa uume sun
Xiyoon irraa isin haa eebbisu.