Jaalala Obbolummaa
Faarfannaa 133
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.
Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,
akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
 
Kun akka zayitii gatii guddaa
kan mataa irratti dhangalaafamee,
akka isa areeda irra gad yaaʼuu,
areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.
Innis akkuma fixeensa Hermoon,
kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti.
Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa,
jireenyas ajajeeraatii.