Faarfannaa Wal jalaa Qabanii Faarfatan
Faarfannaa 136
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Waaqa waaqotaatiif galata galchaa.
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni bishaanota irratti lafa diriirse;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni ifa gurguddaa hojjete;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
10 inni hangafa Gibxi dhaʼe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
17 inni mootota gurguddaa dhaʼe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
18 inni mootota jajjaboo fixe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
24 inni harka diinota keenyaatii nu baase,
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
25 inni uumama hundaaf soora kenna;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
26 Waaqa samiitiif galata galchaa.
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.