Faarfannaa Boojiʼamtootaa
Faarfannaa 137
Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti,
lageen Baabilon bira teenyee boonye.
Achittis kiraara keenya
muka alaltuutti fannifne;
achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis,
“Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!”
jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.
 
Nu utuu biyya ormaa jirruu,
akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya?
Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe,
harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.
Yoo ani si yaadachuu baadhe,
yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti
Yerusaalemin ilaaluu baadhe,
arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
 
Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom
gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu;
isaanis, “Ishee diigaa!
Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.
 
Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte,
inni waan ati nu goote sanaaf,
gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.
Inni daaʼimman kee qabee
dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.