Namoota Waaqaaf Hin Bulle
Faarfannaa 14
14:1‑7 kwf – Far 53:1‑6
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Gowwaan garaa isaatti,
“Waaqni hin jiru” jedha.
Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
 
Waaqayyo yoo namni waa hubatu,
kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,
samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru;
namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru;
tokkumti iyyuu hin jiru.
 
Warri hammina hojjetan
kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,
warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru;
Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.
Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu;
Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.
 
Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!
Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,
Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!