Kadhannaa Nama Ariʼatamaa Jiru Tokkoo
Faarfannaa 142
Maaskiilii Daawit
Ani gara Waaqayyotti nan iyya;
sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti
waammata koo nan dhiʼeeffadha.
Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa;
dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.
 
Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu,
situ karaa koo beeka.
Namoonni daandii ani deemu irra,
kiyyoo naa kaaʼaniiru.
Gara mirga koo ilaali; argis;
namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru;
ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu;
namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.
 
Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha;
“Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha;
biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
Ani abdii kutadheeraatii,
kadhannaa koo naa dhagaʼi;
warra na ariʼatan jalaa na baasi;
isaan akka malee natti cimaniiruutii.
Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf,
lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi.
 
Sababii ati waan gaarii naa gooteef,
qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.