Gad of qabanii Waaqa Kadhachuu
Faarfannaa 143
Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;
gurra kees gara waammata kootiitti deebisi;
amanamummaa fi
qajeelummaa keetiin, na gargaari.
Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin;
namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.
Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii;
jireenya koos butuchee biyyootti make.
Akkuma warra dur duʼaniittis
dukkana keessa na jiraachiseera.
Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera;
onneen koos na keessatti rifatteerti.
 
Ani guyyoota durii nan yaadadha;
waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada;
waan harki kee hojjete illee nan heda.
Harka koo gara keetti nan diriirfadha;
lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.
 
Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni;
hafuurri koo dadhabeera.
Fuula kee na duraa hin dhoksin
yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
Ani waanan si amanadheef,
akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.
Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,
karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf
sitti nan baqadhaatii,
diinota koo jalaa na baasi.
10 Ati sababii Waaqa koo taateef,
akka ani fedhii kee guutu na barsiisi;
hafuurri kee gaariin sun
karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
 
11 Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi;
qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.
12 Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi;
waan ani garbicha kee taʼeef,
warra na cunqursan hunda barbadeessi.