Mooticha Waaqni Dibee Moosise
Faarfannaa 2
Namoonni maaliif akkanumaan malatu?
Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?
Mootonni lafaa kaʼanii,
bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf
walitti qabaman;
isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa;
hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.
 
Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa;
Gooftaanis isaanitti qoosa.
Innis aarii isaatiin isaan ifata;
dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;
innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra,
mootii koo teessifadheera” jedha.
 
Ani seera Waaqayyoo nan labsa:
 
innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti;
ani harʼa si dhalcheera.
Na kadhadhu;
ani saboota dhaala kee,
handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.
Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita;
akka qodaa supheettis isaan hurreessita.”
 
10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa;
bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.
11 Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa;
hollachaas gammadaa.
12 Akka inni hin aarreef,
isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa;
dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii.
Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.