Tiksee Gaarii
Faarfannaa 23
Faarfannaa Daawit.
Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;
gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;
inni lubbuu natti deebisa.
Maqaa isaatiif jedhees
karaa qajeelaa irra na deemsisa.
Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee
ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;
uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
 
Ati utuma diinonni koo ilaalanuu
fuula koo duratti maaddii naa qopheessita.
Mataa koo zayitii dibda;
xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,
bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;
anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.