Faarfannaa Mootii Ulfinaatiif Faarfatame
Faarfannaa 24
Faarfannaa Daawit.
Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu,
addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti;
inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii;
bishaan irras ishee dhaabeera.
 
Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa?
Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu,
nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne
yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
Inni Waaqayyo biraa eebba,
Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti;
kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti.
 
Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;
isinis balbalawwan durii,
akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.
Mootiin ulfinaa kun eenyu?
Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa,
Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.
Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;
isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf
mataa keessan ol qabadhaa.
10 Mootiin ulfinaa kun eenyu?
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun,
inni Mootii ulfinaa ti.