Kadhannaa Yeroo Balaa
Faarfannaa 25
Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti
ol nan qaba.
 
Yaa Waaqa koo ani sin amanadha.
Ati na hin qaanessin;
akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
Namni si eeggatu tokko iyyuu
yoom iyyuu hin qaaneffamu;
warri sababii malee yakka hojjetan
garuu ni qaaneffamu.
 
Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi;
daandii kees na barsiisi;
ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef,
dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;
anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;
isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
Cubbuu afaan kootii
yookaan dogoggora koo hin yaadatin;
yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii
akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
 
Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas;
kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;
karaa isaas isaan barsiisa.
10 Karaan Waaqayyoo hundinuu
warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
11 Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu
maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
12 Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu?
Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti;
sanyiin isaas lafa dhaala.
14  Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu;
kakuu isaa illee isaan beeksisa.
15 Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala;
inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
 
16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi;
ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera;
dhiphina koo keessaas na baasi.
18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali;
cubbuu koo hunda naa dhiisi.
19 Akka diinonni koo baayʼatan,
hammam akka cimsanii na jibban argi!
20 Lubbuu koo eegi; na oolchis;
sababii ani kooluu sitti galeef,
akka ani qaanaʼu na hin godhin.
21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi
qajeelummaan ana haa eegan.
 
22 Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa
Israaʼelin furi!