Faarfannaa Gooftaa Bubbeetiif Dhiʼaate
Faarfannaa 29
Faarfannaa Daawit.
Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.
Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;
iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
 
Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira;
Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa;
Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
Sagaleen Waaqayyoo humna qaba;
sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.
Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa;
Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.
Inni Libaanoonin akka jabbiitti,
Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
Sagaleen Waaqayyoo
balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa;
Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.
Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira;
bosonas qullaatti hambisa.
Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.
 
10  Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;
Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.
11  Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna;
Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.