Galata Nama Afaan Duʼaatii Deebiʼee
Faarfannaa 30
Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee
akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef,
ani sin jajadha.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko,
ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.
Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte;
akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.
 
Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa;
maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.
Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;
gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;
booʼichi galgala tokko qofaaf tura;
ganama garuu ililleetu taʼa.
 
Anis yommuun nagaa argadhetti,
“Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.
Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin
akka tulluu jabaatti na dhaabde;
yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu
naasuutu na qabate.
 
Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha;
ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:
“Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas
faayidaa maaliitu argama?
Biyyoon si galateeffataa?
Amanamummaa kees ni odeessaa?
10 Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris;
Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.”
 
11 Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;
wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
12 kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi
akka isheen hin calʼisneefii dha.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.