Waaqa Jajachuu
Faarfannaa 33
Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa;
isa jajuun tolootaaf ni mala.
Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa;
baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.
Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa;
sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.
 
Dubbiin Waaqayyoo qajeelaadhaatii;
inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata;
laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.
 
Samiiwwan dubbii Waaqayyootiin hojjetaman;
tuunni urjiiwwanii hundinuus
hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba;
bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.
Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu;
sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe;
inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.
10  Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa;
akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.
11 Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas
dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
 
12 Sabni Waaqayyo Waaqa isaaf taʼe,
namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.
13  Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala;
ilmaan namootaa hundas ni arga;
14 inni teessoo isaa irra taaʼee,
warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;
15 inni garaa nama hundumaa uumu sun,
hojii isaanii hunda ni hubata.
16 Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu;
jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.
17 Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha;
guddinni humna isaas nama hin oolchu.
18 Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra,
warra araara isaa abdatan irras jira;
19 inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa;
bara beelaas isaan ni jiraachisa.
 
20 Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti;
innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
21 Garaan keenya isatti ni gammadaatii;
nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
22 Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya
sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.