Waaqa Murtii Qajeelaa Jajachuu
Faarfannaa 34
Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate.
Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;
galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
Lubbuun koo Waaqayyoon boonti;
cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.
Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa;
kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
 
Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne;
sodaa koo hunda keessaas na baase.
Warri gara isaa ilaalan ni ifu;
fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.
Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe;
rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii
ni qubata; isaan ni oolchas.
 
Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa;
warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
10 Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;
namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu
waan gaarii tokko illee hin dhabu.
 
11 Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;
anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.
12 Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis
bara baayʼee hawwu eenyu?
13 Arraba kee waan hamaa irraa,
afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
14 Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;
nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
 
15 Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira;
gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
16 yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf,
fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
 
17 Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa.
Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
18  Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;
warra abdii kutatanis ni fayyisa.
 
19 Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;
Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
20 lafee isaa hunda ni eega;
isaan keessaas tokko illee hin cabu.
 
21 Hamoota hamminatu ajjeesa;
warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.
22  Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;
warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.