Kadhannaa Nama Dhiphatee
Faarfannaa 35
Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, warra anaan mormaniin mormi;
warra na lolanis loli.
Gaachanaa fi miʼa lolaa qabadhu;
na gargaaruudhaafis kaʼi.
Warra na ariʼanitti
eeboo fi bodee luqqifadhu.
Lubbuu kootiinis,
“Fayyinni kee ana” jedhi.
 
Warri lubbuu koo barbaadan,
haa qaanaʼan; haa salphatanis;
warri na balleessuuf mariʼatanis,
abdii kutatanii duubatti haa deebiʼan.
Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan;
ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu;
ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
 
Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii
na dura kaaʼaniiruutii;
sababii malees boolla naa qotaniiru;
utuu inni hin beekin badiisni isatti haa dhufu;
kiyyoon inni dhokse sunis isuma haa qabu;
boolluma qote sanattis haa kufu.
Yoos lubbuun ko, Waaqayyotti gammaddi;
fayyisuu isaattis ni ililchiti.
10 Lafeen koo hundi akkana siin jedha:
“Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu?
Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta;
hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.”
 
11 Dhuga baatonni sobaa natti kaʼan;
waan ani waaʼee isaa hin beeknes na gaafatu.
12 Isaan qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisu;
lubbuu koos kophaatti hambisu.
13 Ani garuu yeroo isaan dhibamanitti,
wayyaa gaddaa nan uffadhe;
lubbuu koos soomaan nan miidhe.
Yeroo kadhannaan koo deebii malee hafettis
14 ani akkuma waan michuu kootiif yookaan obboleessa kootiif gadduutti,
gaddaan asii fi achi deddeebiʼe.
Akkuma waan haadha kootiif booʼuuttis,
gaddaan mataa koo nan buuse.
15 Isaan garuu yeroo ani gufadhetti gammadanii walitti qabaman;
utuu ani hin beekin na marsan;
utuu wal irraa hin kutinis na cicciratan.
16 Isaan akkuma warra Waaqatti hin bulleetti hamminaan natti qoosan;
ilkaan isaanii illee natti qaratan.
17 Yaa Gooftaa, ati hamma yoomiitti calʼistee ilaalta?
Lubbuu koo badiisa isaan fidan jalaa,
jireenya koos leenca jalaa baasi.
18 Ani wal gaʼii guddaa keessatti sin galateeffadha;
tuuta guddaa keessatti sin jajadha.
 
19 Warri akkasumaan diina natti taʼan natti hin gammadin;
warri sababii malee na jibban sunis ija natti hin qisin.
20 Isaan nagaa hin dubbatan;
warra qabbanaan biyya keessa jiraatanittis,
mala sobaa malatu.
21 Isaanis, “Baga! Baga! Ijuma keenyaan isa argine”
jedhanii afaan natti banatu.
 
22 Yaa Waaqayyo, ati waan kana argiteerta; hin calʼisin.
Yaa gooftaa, narraa hin fagaatin.
23 Yaa Waaqa koo fi Gooftaa ko, ati mirga kootiif,
dhimma kootiifis dammaqi; kaʼi!
24 Yaa Waaqayyo Waaqa ko,
akkuma qajeelummaa keetiitti naa murteessi;
akka isaan natti gammadanis hin godhin.
25 Akka isaan, “Baga! Akkuma nu barbaanne taʼeera!” jedhan,
yookaan akka isaan, “Nu isa liqimsineerra” jedhan hin godhin.
 
26 Warri dhiphina kootti gammadan hundinuu
haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;
warri natti kooran hundinuus,
qaanii fi salphina haa uffatan.
27 Warri qajeelumma koo jaallatan,
sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis.
Isaan yeroo hunda,
Waaqayyo inni nagaa garbicha isaatti gammadu
guddaa dha” haa jedhan.
 
28 Arrabni koo qajeelummaa kee,
guyyaa guutuus galata kee odeessa.