Kadhannaa Nama Dhukkubsatee
Faarfannaa 41
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha;
guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.
Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa;
lafa irratti isa eebbisa;
hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.
Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa;
fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.
 
Anis, “Yaa Waaqayyo na maari;
ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe.
Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa
lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti,
utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata;
gad baʼees iddoo hundumatti odeessa.
 
Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu;
waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu.
Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera;
inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu.
Michuun koo inni natti dhiʼaatu,
inni ani amanadhe,
inni buddeena koo nyaate
koomee isaa natti ol fudhate.
 
10 Ati garuu yaa Waaqayyo na baasi;
akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi.
11 Akka ati natti gammaddu ani beeka;
diinni koo narra hin aanuutii.
12 Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda;
baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.
 
 
13  Waaqayyo Waaqni Israaʼel,
bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu.
Ameen; Ameen.