Kitaaba Lammaffaa
42
Faarfannaa 42–72
Waaqayyon Dheebochuu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi.
Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana,
yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti.
Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?
Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera;
namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii.
Ani yommuun waan kana yaadadhutti,
lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa:
ilillee fi faarfannaa galataatiin
tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko,
hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa
tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.
 
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu;
ani amma iyyuu isa nan jajadha.
Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
 
Lubbuun koo na keessatti gadditeerti;
kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa,
fiixee Hermoonii fi
Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.
Huursaa fincaaʼaa keetiitiin,
tuujubni tuujuba waama;
dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.
 
Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja;
halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira;
kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.
 
Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha;
“Ati maaliif na dagatte?
Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”
10 Amajaajonni koo guyyaa guutuu,
“Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan,
akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.
 
11 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;
ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;
Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.