Waaqa Amanachuu
Faarfannaa 56
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Faarfannaa Daawit. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate.
Yaa Waaqi na maari;
diinonni koo akka malee na ariʼu;
guyyaa guutuus na cunqursu.
Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu;
namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
 
Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,
Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu.
Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
 
Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru;
na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.
Isaan ni mariʼatu; ni riphus;
lubbuu koo galaafachuuf jedhanii
tarkaanfii koo eeggatu.
Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin;
yaa Waaqi, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
 
Gadadamu koo galmeessi;
imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi;
isaan galmee kee keessa jiru mitii?
Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti,
diinonni koo dugda duuba deebiʼu.
Anis kanaan akka Waaqni na wajjin jiru beeka.
 
10 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,
Waaqayyo ani dubbii isaa jajadhu,
11 Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu.
Namni maal na gochuu dandaʼa?
 
12 Yaa Waaqi wareegni kee narra jira;
aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.
13 Akka ani fuula Waaqaa dura,
ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf,
ati lubbuu koo duʼa jalaa,
miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.