Diinota Gara Jabeeyyii Gidduutti
Faarfannaa 57
57:7‑11 kwf – Far 108:1‑5
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate.
Na maari; yaa Waaqa na maari;
lubbuun koo sitti kooluu galtiitii.
Anis hamma balaan darbutti,
gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
 
Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti,
gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.
Inni samii irraa ergee na oolcha;
warra akka malee na ariʼan ni ifata;
Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
 
Ani leencota gidduun jira;
ani bineensota nama nyaatan,
namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa
kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
 
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
 
Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan;
lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti.
Isaan karaa koo irratti boolla qotan;
garuu isaanumattu keessatti kufe.
 
Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu;
garaan koo hin raafamu;
ani nan faarfadha; nan weeddisas.
Yaa lubbuu ko, dammaqi!
Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!
Anis ganamaan nan dammaqa.
 
Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;
namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii;
amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
 
11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.