Kadhannaa Yeroo Dhiphinaa
Faarfannaa 6
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.
Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin;
yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami;
lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.
Lubbuun koo akka malee jeeqameera;
kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
 
Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;
araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
Namni duʼe si hin yaadatu.
Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?
 
Ani aaduu kootiin bututeera.
 
Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;
imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
Iji koo gaddaan fajajeera;
sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.
 
Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;
Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera;
Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.
10 Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;
qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.