Kadhannaa Namni Qajeelaan Kadhatu
Faarfannaa 7
Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala;
warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti,
akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.
 
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe
yoo harka koo keessa yakki jiraate,
yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe,
yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
diinni koo ariʼee na haa qabatu;
jireenya koo lafatti haa dhidhiitu;
ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
 
Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi;
dheekkamsa diinota kootti kaʼi.
Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu;
atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu.
Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti,
akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
Yaa Waaqa qajeelaa,
kan yaadaa fi garaa namaa qortu,
fincila hamootaa balleessi;
qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.
 
10 Gaachanni koo Waaqa;
inni gara toleeyyii ni oolcha.
11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha;
inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate,
inni goraadee isaa ni qarata;
iddaa isaas dabsee qopheeffata.
13 Inni meeshaa nama ajjeesu
qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.
 
14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa;
jalʼina garaatti baata; soba dhala.
15 Inni gad fageessee boolla qota;
boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa;
jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.
 
17 Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha;
maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.