Kadhannaa Moʼamuu Booddee Dhiʼeeffame
Faarfannaa 60
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraa kakuu” jedhamuun faarfatame. Miiktaamii Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame.
Yaa Waaqi, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas;
nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi!
Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta;
caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii.
Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta;
daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta.
Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif,
ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta.
 
Akka warri ati jaallattu furamaniif,
harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris.
Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera;
“Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda;
Sulula Sukootis nan safara.
Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti.
Efreem gonfoo sibiilaa koo ti;
Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti;
Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa;
Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
 
Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida?
Eenyutu Edoomitti na geessa?
10 Yaa Waaqi, kan nu gatte suma mitii?
Yaa Waaqi, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
11 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar;
gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
12 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna;
innis diinota keenya gad dhidhiita.