Faarfannaa Nama Boojiʼamee
Faarfannaa 61
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame.
Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi;
kadhannaa koos dhaggeeffadhu.
 
Yeroo garaan koo citetti,
ani handaara lafaatii sin waammadha;
ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.
Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii;
fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.
 
Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu,
gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.
Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii;
dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.
 
Bara jireenya mootii, umurii isaa illee
dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.
Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu;
akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.
 
Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha;
guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.