Faarfannaa Yeroo Midhaan Galfamuu
Faarfannaa 67
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa.
Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus;
fuula isaas nurratti haa ibsu;
kunis akka karaan kee lafa irratti,
fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
 
Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan;
saboonni hundii si haa jajatan.
Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf,
saboota lafa irraas waan geggeessituuf,
saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan;
saboonni hundii si haa jajatan.
 
Lafti midhaan kenniteerti;
Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.
Waaqni nu eebbiseera;
handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.