Faarfannaa Moʼannoo
Faarfannaa 68
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan;
warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.
Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi;
akkuma gagaan ibidda duratti baqu,
hamoonni fuula Waaqaa duraa haa badan.
Qajeelonni garuu haa gammadan;
fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan;
isaan gammachuudhaan haa ililchan.
 
Waaqaaf faarfadhaa;
faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;
isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;
maqaan isaa Waaqayyoo dha;
fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa,
niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun
iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa;
warra hidhamanis mana hidhaatii baasa;
finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.
 
Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate,
gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,
fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti,
fuula Waaqaa, Waaqa Israaʼel duratti,
lafti ni raafamte; samiiwwanis bokkaa roobsan.
Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite;
dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.
10 Sabni kee achi qubate;
yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa
hiyyeeyyii soorte.
 
11 Gooftaan dubbii isaa kenne;
dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:
12 “Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan;
dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.
13 Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee,
isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee
baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.”
14 Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu
mootota achitti bittinneessetti,
Zalmoon irratti cabbiin buʼe.
 
15 Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa,
yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,
16 yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu,
ati maaliif tulluu Waaqni bulchuuf filate,
iddoo Waaqayyo bara baraan jiraatu sana
hinaaffaadhaan ilaalta?
17 Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha;
isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti;
Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
18 Ati yommuu ol gubbaa baatetti
boojuu baayʼee fudhate;
yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati achi jiraachuuf jettee,
namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.
 
19 Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,
Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.
20 Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis
Waaqayyo Goofticha biraa dhufa.
21 Waaqni dhugumaan mataa diina isaa,
gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii
kan rifeensa qabu ni caccabsa.
22 Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida;
tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;
23 kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf;
arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.”
 
24 Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera;
hiriirri Waaqa kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.
25 Fuula duraan faarfattoota,
dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture;
dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.
26 Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa;
yaaʼii Israaʼel keessattis Waaqayyoon jajadhaa.
27 Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema;
tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan;
ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.
 
28 Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji;
yaa Waaqa keenya, akkuma duraan goote sana
jabina kee nu argisiisi.
29 Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif
mootonni kennaa siif fidu.
30 Bineensota shambaqqoo keessaa,
karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu.
Warra meetii fidan gad deebisi.
Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.
31 Ergamoonni Gibxi ni dhufu;
Itoophiyaanis daftee harka ishee Waaqatti balʼifatti.
 
32 Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa;
faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;
33 isa samiiwwan durii keessa gulufu,
isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.
34 Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru,
isa miidhaginni isaa
samiiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.
35 Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha;
Waaqni Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna.
 
Waaqni haa eebbifamu!