Booʼicha Waaʼee Diigamuu Mana Qulqullummaa
Faarfannaa 74
Maskiilii Asaaf.
Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte?
Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa?
Saba ati dur filatte,
gosa dhaala keetii, warra ati furte,
Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu.
Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu;
diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera.
 
Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan;
mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan.
Isaan nama bosona keessatti muka muruuf
qottoo ol fudhatu fakkaatu.
Isaanis waan soofame hunda,
qottoo fi burrusaan caccabsan.
Isaan mana qulqullummaa kee guban;
lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.
Garaa isaanii keessatti, “Nu guutumaan guutuutti
isaan barbadeessina!” jedhan.
Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban.
Mallattoon dinqii nuu hin kennamne;
siʼachi raajiin tokko illee hin jiru;
wanni kun hamma yoomiitti akka turu
nu keessaa namni beeku hin jiru.
 
10 Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa?
Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa?
11 Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta?
Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi!
 
12 Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti;
lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.
13 Situ humna keetiin galaana gargar qoode;
ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite.
14 Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee
uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne.
15 Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane;
ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta.
16 Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma;
ati aduu fi jiʼa uumteerta.
17 Situ daarii lafaa hunda dhaabe;
ati bonaa fi ganna uumteerta.
 
18 Yaa Waaqayyo, akkamitti akka diinni sitti qoosu,
akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu.
19 Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin;
jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin.
20 Kakuu kee eegi;
iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu
gooliidhaan guutameeraatii.
21 Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin;
hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan.
 
22 Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu;
akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu.
23 Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii
kan gargar hin cinne sana hin dagatin.